Exodus 7:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Waan atini Harunini jettu, Ule tante fud'ad'u, bisaani lafa Misiri keesa jira ch'ufa ira olqabi, galaana taanaani, dambala taanaani, haro taanaani, fulla bisaani naqattu ch'ufa ira olqabi. Duuba bisaani lafa Misiri keesa jira ch'ufti d'iiga tahani. D'iigi sunini waan bisaani iti woraabani ch'ufa ka mukhaafi d'akhaani mid'aasani guuta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'een, «Aaroon ulee ufii fudhatee laggiin, boyiiwwanii fi haroowwan maraa irra akka diriirsu itti himi; hennaa san bisaan maruu jijjiiramee dhiiga ta'a; meeshaan bisaan itti kuufamu ka dhaga'aa fi muka irraa hojjatame bisaan biyya Misiriititti argamu maruu uduu hin hafne dhiiga ta'aa» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dhaqii Aaroniin, ‹Ulee teeti harkatti qabadhuutii, bisaan biyya Gibxi'ii lagoota, anguree, baleessa, eela mara irratti harka keeti diriirsi. Isaan gara dhiigaa hin jijjiiraman; bisaan lafa sanii marti, ka waabaa keessa jirulle gara dhiigaa hin jijjiirama› jedhi» jedhe.