Exodus 8:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi akuma suni tolche; duuba tuuti tiite guddooni mana Faraotiifi ka hojattu isaa iti duude. Lafa Misiri ch'ufa haguma geetuuni tiiteeni balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee akkasuma godhe; mana Fari'ooniitii fi mana garboota isaa maraa keessa qarxaasa'atu nam'e; biyyi Misirii maruu sababaa qarxaasa'aatiif bade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa akkuma dubbate tolche. Tuuti faachaa Mana mootichaatii fi mana qondaaltota isaatitti bu'e; latti Gibxi'ii marti faachaan guutantee badde.