Exodus 8:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Musani waan jed'e, Akasi nuu intaatu, wonti akanatiifi sorioni nu AABBO Waaqa keenna baamnu worra Misiriti waan laguti. Yo nu sorio akana tana, ta worri Misiri lagatu, ila worraa dura qalle, worri d'akhaani nu had'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen, «Rabbii Waaqa keennaa ciincaa biyya Misirii kana keessatti dhiyeessuun nu hin barbaachisu; worri biyya Misirii waan nu ciinceessinu akka batti'iitiitti waan laalaniif yoo nu waan isaan akka batti'iititti laalan kana biyya Misiriititti isaan afo'otti ciincessine isaan nuun hin lolanii?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muuseen ammoo deebisee «Ciincaan nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu, worra Gibxi'ii biratti diqatamaa waan te'uuf, tana godhuun sirri'ii moti. Ciincaa isaan duratti diqatamaa te'e, yoo dhikeessine dhaka'aan nu hin tumanuu?