Exodus 8:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi akuma Musani, kad'ate tolcheefi. Tuuti tiite taani ch'ufti Faraofi hojattu isaatiifi gosa Misiri ch'ufa iraa badde; tiiteeni tokochi qubaleeni inhamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee akkuma Muuseen kadhate qarxaasaa Fari'ooniin biraa, garbootaa fi banii isaa maraa irraa tokko uduu hin hafne kaase; Rabbillee akkuma Muuseen jedhe godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraalle waan Muuseen daadimate tolche. Faachi tokkolle adoo hin hafin mooticha, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa irraa bade.