Exodus 8:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Waan atini Harunini jettu, Ule tante galaana, dambala, fulla bisaani naqattu ch'ufa ira qabi, aka akanaani raachi lafa Misiri ch'ufa keesa guutu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'een, «Aarooniin ulee tee fudhadhuutii lagaa fi burqaa bisaanii, hulee bisaan itti kuufamu irra harka kee diriirsii raachan biyya Misirii maraa irratti yaa'aa jedhi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achille'een duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Raachi dhufee lafa Gibxi'ii akka guutuuf, Aaron ulee ifii qabatee harka ifii laga, angure'ee fi baleessa mara irra akka diriirsu itti himi» jedhe.