Exodus 9:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bokeeni d'akhaani roobu suni waan lafa Misiri ka mana keesa injirre ch'ufa, namafi horile, iti roobe hobaase, mukha ch'ufa ch'ach'abse mid'aanile ch'ufa d'aane balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baradaan sunillee waan raasaa biyya Misirii keessa jiru maraa fi sa'aa namallee hin dhaye; baradaan sun midhaan maasa'aa mara dhayee muka biyya sanii maraa caccabse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bokkeenni dhaka'aa kun biyya Gibxii keessatti namaa fi horii alatti hafane mara dhowe. Waan diida keessatti lateeru mara dhowee, mukoota mara caccasse.