Ezekiel 1:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Miili suni afraani ch'ufti aka takaa jira; ch'ufti akuma d'akha ch'ululuqa bibiliqa. Ammalle miili suni kama miila d'ibiti wod'aka keesaani iti ejaanja,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Miilli arfan akka korbo'oo sunniin wol fakkaatan; isaan maruu akka mi'a kabajjamaa gatii gudda'aatitti falaqqisan; miilli akka korbo'oo arfan kunniin waan wol keessa lufan fakkaata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bifi korboo arfan saniitii fi akki isaan itti hujamane akka kana fakkaata: Bifi isaanii akka bifa dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa; isaan arfanuu wol fakkaatan. Tokko tokkoon isaaniituu akka korboo wol keessa jirtuutitti hujamaneeran.