Ezekiel 1:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan aka gasare suni gubbaa waan barch'uma hayyuma, ka d'akha bule ch'uluqaani mid'aasaniti jira. Ammalle barch'uma suni ira waan nama fakaatati taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee ijaarame san gubbaa teessoon ulfinnaa ka dhagaa bulee waan gatii gudda'aatiin hojjatame fakkaatutu badhifameera; teessoo san irra waan nama fakkaatutu taa'eera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gubbaa gombobbittii san irra wonni barcumaa mootumma'aa ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame fakkaatu tokko jiraayyu; waan akka barcumaa mootumma'aa san gubbaalle waan nama fakkaatu tokkotti jiraayyu.