Ezekiel 1:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ifsa bifa ule Waaqaa ch'ufa qabuuni fulla ch'ufati ifsite. Kunini ifsa bibiliqu, ka aka AABBO Waaqi arti jiru, garsiisu. Anini waan suni ch'ufa arginaani isa durati lafaani ufi d'ae qonqo nami dubbatu d'agaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ifni falaqqisu funyaan karaabaa ka hennaa roobaa duumessa keessaan mudhatu fakkaata; kun bifa mudhachuu ulfinna Rabbii fakkaata; ani hennaa waan kana arge kallachaan lafatti gad kufe; achiin maayessa laagaa dubbi'ii dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ifi cinaa isaa maraa calalaqu sun, akka hiituu yennaa bokkeyaa duumensa keessaa mudhattuu ti. Kun fakkeenna bifa ulfinna Mootii Waan Maraa fakkaataayyu; ani yennaa waan kana dhagge, fuulaan lafatti gad gombifamee, qoonqoo nama dubbatuu dhage'e.