Ezekiel 10:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja wonti koola kunini ejaanjitu, miililleeni inejanja; yo wonti kunini bariftu, miililleeni imbarisa; wonti akanatiifi irreeni miila suni waan koola qaba suni iraa baati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hafuurri uumama jiraattota sanniinii waan akka miila akka miila korbo'oo keessa jiruuf uumamni lubbuu qaban sunniin yoo dhaabatan miilli akka miila korbo'oo maruu wolumaan dhaabatan; yoo Kiruubeelonni lafaa ol ka'an miilli akka miila korbo'oo sunniinillee wolumaan ol ka'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanummaan dada lubbuu qabanu keessa jiru sun, korboota san keessalle waan jiruuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa dhaabbatanu korbooti sunille hin dhaabbatan; dadi lubbuu qabanu sun yennaa lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille woliin ol ka'an.