Ezekiel 10:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba wonti koola qaba suni, ato anini ilaalu, olkaate koola ballifte barifte. Jennaani miili kaanileeni isii woliini iti d'aabate. Wonti koola sunini balbala Mana Waaqa ta ilaboru geennaani diqo miila d'aabate, hojja suni ifsaani bibiliqu kaanileeni worruma gubba jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani uduu waan kana laala'aaru Kiruubeelonni koola ufii badhisanii lafa irraa hennaa ol bayan miilli akka miila korbo'oo ka ladda isaanii jiran hennaa isaan woliin ol bayan arge; isaan gara dallaya balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutiin jiruu hennaa gayan hin dhaabatan; ulfinni Waaqa Israa'eliillee isaan irra jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dadi ol-gubba'aa ka lubbuu qabanulle adoo ani dhagguu, koola ifii badhifatanee lafa irraa ol ka'anee deemane; korbootille cinaa isaanii deemane; isaan seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa, ta gara aduun baatuutitti dhaabbatane; ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu