Ezekiel 10:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Waaqi waan namicha woya boofta keeyatu kaaniini jed'e, Beeni, waan miila gaari fakaata kaani, ka waan koola ka lubbu qaba kaani jala jiru, jiddu deemi, ch'ile ibida harka guutad'i, duuba ch'ile suni dira gubbati firfirsi. Ato anini laalu, inni kae deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi nama uffata jirbii qadhaa irraa hojjatame uffateen «Miila akka miila korbo'oo ka worra uumama jiraataa ta'an keessa lufii deemi; harka keetiin barbadaa cile'ee hammaarii fuudhii qachatti'itti facaasi!» jedheen; inni uduu ani isa argu ol seene.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruun, «Korboota dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jala jiranu odduu seen; kashila odduu dada ol-gubba'aa ka koola qabu jiru irraa ooboo harka keetii guutadhuu hammaaradhuutii, qachaa irratti bittinneessi» jedhe. Namichille adoo ani dhagguu ol seene.