Ezekiel 10:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ifsaani bibiliqu, ka aka AABBO Waaqi achi jiru garsiisu kaani, waan koola qaba suni ira bahe, balbala Mana Waaqa d'aqe. Jennaani hurrini taani Mana Waaqa keesa seente duuchite, ifsaani kaani ch'ich'aati ifse, lafa ch'ufa guyyaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ulfinni Rabbii Kiruubeeliin irraa ka'ee gara hulee mana woyyu'uu ka irra dhaabatanii dhaqe; duumessi mana ol guute; raasaan sunillee ifa ulfinna Rabbiitiin guuttame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ulfinni Mootii Waan Maraalle dada ol-gubba'aa ka koola qabanu irraa ka'ee gara gulantaa seensuma Galma Waaqaa dhaqe; duumensille Galma Waaqaa guute; Badhinni dalleya keessaalle calalaqa ulfinna Mootii Waan Maraatiin guutame.