Ezekiel 11:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni AABBO Waaqa nara buute, jennaani inni waan nani jed'e, waan atini jettu, AABBO Waaqi waan jed'u, Isani worra Israeli, waan isani dubbattanifi waan isani malatanile ch'ufa anini imbeekha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Hafuurri Rabbii na irra bu'ee Rabbi akkana jedhii dubbadhu naan jedhe, «Isin banii Israa'elii! isin waan kana dubbattaniirtan; yaada keessan keessa waan jiru ani hin beeka.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ayyaanni Mootii Waan Maraa na irratti bu'ee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin kolbaan Israa'elii akkana jettanee yaadattan; waan gara yaada keessanii dhufe san anille beekeera.