Ezekiel 11:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi amma wonti anini, AABBO Waaqi guddaani, isaniini jed'u tana: D'uguma diri kunini akuma okote jira; ammo fooni keesati d'aabani maani? Reefa nama isani fit'ani kanaati! Isani gaafasi; arma injirtani, anini dira kana keesaa boolati, isani d'aa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii isiniin jedhu kana, ‹foon ottee foon itti affeelan keessa jiru namoota isin ajjeeftan; qachattiin tun ottee foon itti affeelan; isin garuu qachattii keessa baqattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Worri isin ijjeettanee qachaa keessatti gattane foon; qachaan kunille okkote'e; ani ammoo qachaa kana keessaa isin hin baasa.