Ezekiel 12:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan jettuuni, wonti anini amma tahu jiru kunini akheekha waan hegeri isaniti d'ufaati, isani boojiani lafa d'ibi isani geesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti ati goote kun maruu malkata isaan irratti raawwachu'uu akka ta'e isaanitti beessis; isaanillee worra baqatuu fi worra booji'aman ta'an jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati isaaniin, ‹Ani isiniif beessisa. Akkuma ani godhe kana isin irralle'etti hin godhanti. Isin booji'antanee hin ideentan› jedhiin.