Ezekiel 12:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana, Namicha, akuma nama lafa d'ibiti baqatu, miha wolti guurad'i, kai, ato lafti ingalgaloomne, aka hojja atini kaate deemtu nami ch'ufti si argu. Hegeri tana gula worri na didu sunini si argafa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kanaafuu ilma namaa! meeshaa kee ka baqaa wolitti qabii qopheeffadhuu uduu isaan si argan guyyamaan isaan biraa baqadhu; akka nama baqatuutitti hulee keetii ka'ii gara hulee biraa deemi; isaan yoma worra dhibu ta'anillee maal laataa hubachuu danda'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Tanaaf, ee, ilma namaa! Meya fudhattee baatu qopheeffadhuutii, adoo isaan dhagganuu, guyya'aan akka nama booji'amee deemuutitti, addee jirtuu ka'iitii, gara addee dhibi'ii deemi. Isaan worra finqilaa akka te'ane hin hubatan fa te'a.