Ezekiel 13:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini naabo worri booji adi ibse tana ch'ach'abse bulleese, d'akha isiini yayabani diidati ga yaasa. Naaboni sunini hojja jiddu isani ch'ufa inhobaafti. Duuba akanaani nami ch'ufti aka anini AABBO Waaqa hubata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga bu'uurri manaa buqqa'ee lafaan wol qixxaayutti kaloo isin hallu'uun uwwiftan diigee balleessa; hennaa kaloon jigu isinillee achuma keessa baddan; hennaa san isin akka ani Rabbiin ta'e beettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dalleya dhaka'aa ka isin halluu adii itti dibattane san hin jissa; haga hundeen isaa mudhattutti lafatti isa gad dhowa; yennaa dalleenni sun jigu isinille keessatti hin dhumattan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.