Ezekiel 13:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan AABBO Waaqi guddaani jed'u iti himi, waan jettuuni. Nad'eeni tana, isani ya baddani! Isani qud'aama harkaa namaa hod'itani hagogo falfalaa mata ira namaa keetani, aka akasiini t'urura keesa nama buuftani nama balleesitani. Isani irre gumi tiyyaani ijeeftani jireesitani argu feetani, aka kara sunini woi argatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti dubbadhu; dubartoota irree ufii irratti qudhaama qudhaamatan, dubartoota jireenna namaa balleessu'uuf guftaa gara garaa dhedheeraa qopheeffatanii hobbaas! isin banii kiyya keessaa namoota qabdanii lubbu'uun jiraattanii?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Lubbuu kolbaa tiyyaa adansiisaaf, dubartoota xanoo ifiitiif harka ifii mara irratti qudhaama hodhatanee, akka mataa nama adda addaatiif te'utti marata mata'aa qopheessanuuf aanne'e! Isin lubbuu kolbaa tiyyaa qaddanee, lubbuu teessan hamburattanii ree?