Ezekiel 13:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani gumi tiyya durati na tufatani, aka garbufi qit'a diqa toko argatani. Isani nama duu himmalini ijeeftani, nama sila duu male lakiftani. Duuba isani dubbi d'ara gumi tiyyati himtani, worri isani d'ugeefata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin garbuu cum'oo tokkootii fi buddeena kutaa diqqoo argatu'uuf jettanii banii kiyya ka soba dhagayutti soba dubbata'aa, worra du'uun isaan hin barbaachifne ajjeesa'aa, worra jiraachuu hin barbaachifne akka jiraatan godha'aa banii kiyya keessatti akka maqaan kiyya arrabamu gootaniirtan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin garbuu ooboo takka'aatii fi daabboo baqaqa tokkoof jettanee, kolbaa tiyya worra soba isin dubbattanu dhage'anutti soba dubbatiisaan, namoota du'uuf hin malle ijjeettanee, namoota jiraatu'uuf hin malle akka jiraatanu gootanee, kolbaa tiyya oddu'utti maqaa kiyya batteessitane› jedha» jedhi.