Ezekiel 13:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini raagoota daayya d'ara argitufi ta waan d'ara faddu ingaargalcha. Gaafa hegeri gumiini tiyya wolti baate koratu, isani kora suni keesa injirtani, maqa keesanile worra Israeliti indarani. Haguma jirtani lafa teesaniti indeebitani. Duuba akasiini aka anini AABBO Waaqa gudda beetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani raattota mudhata arganii fi raattota falfalan irratti harka kiyya diriirsa; isaan gumii banii kiyyaa keessatti hin argaman; siri'ii isaan galmee banii Israa'elii keessatti hin galmaayan; isaan lafa Israa'elii keessa sirima hin seenan; hennaa san isin akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Harki kiyya raagota Mudhii sobaa dhagganuu fi moruu dharaa moranu irratti ka'eera. Isaan wolde'a kolbaa tiyyaa keessatti hin dhaggamanu; galmee kolbaa Israa'elii keessalle'etti hin barreeffamanu; lafa Israa'eliille'etti hin galanu; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.