Ezekiel 14:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha, yo lafti toko ch'ubbu tolchite naraa gorte, anini harka kiyya d'eereefad'e sagale iraa kute, oola iti buuse, namafi saa isiile ch'ufa fit'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ilma namaa! baniin biyya tokkoo ana amantii dhabee yoo cubbuu hojjate ani midhaan nyaatan isaan dhooggadhee beelaan isaan adaba; namootaa fi busaawaa hin ajjeessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee ilma namaa! Biyyi takka addatamuu dhabiisaan cubbuu na irratti yoo hujje, ani harka kiyya isii irratti diriirsee, sagalee irraa kutee beela itti hin buusa; namaa fi horiille isii irraa hin balleessa.