Ezekiel 14:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Anini worra Yerusalemu waan hamtu afuri ka worra balleesa iti erga — woraana, beela, bineensa ala, d'ukuba — aka namaafi saale ch'ufa akuma takaa balleesu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Bani'ii fi busaayaa maraa balleessu'uuf woraana, beela, bineensaa fi dhukkuba balaa babbadaa arfan kanniin isaaniin balleessu'uuf Yerusaalemitti fida.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Goottaan Mootiin Waan Maraa: Namaa fi bineensalle isii irraa balleessiisaaf, shallaagaa, beela, bineensa hama'aa fi dhukkuba muraa tiyya hantuu arfan tana Yerusaalem irratti yennaa fidu attam attam irra caalaa hantu'u ree!