Ezekiel 14:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba amma waan worraani jettu, wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Nami Israeli ch'ufti, ka waan harkaani boch'ani kana jaalate, gula deeme akanaani ch'ubbu keesa ufi buuse, duuba eege raaga woi gaafachu d'ufu, anumati waan harkaani boch'ani, ka inni gula deemu suni gula, waan isa male kennafi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; «Banii Israa'elii keessaa worri onnee ufii waaqolee tolfama'aa kennanii fi ka waaqa tolfamaa ufii waaqeffatuun isaanii akka gufuu isaanitti ta'u godhaniiran; namoonni kunniin yoo ka gara raattichaa dhufan ta'e ani Rabbi haguma baay'inna waaqolee tolfama'aatiin deebii gayaa isaanii deebisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, ati isaanitti dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa nami qalbii ifii waaqota dharaatiif kenneeru, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa akka bacinna waaqota dharaa isaatitti deebii isaaf hin kenna.