Ezekiel 14:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja nami Israeli toko, yokhaani nami gosa d'ibi, ka lafa Israeli keesa godaanu, naraa garagale, waan harkaani boch'ani kad'ate d'aqe raaga woi gaafatu, ana, AABBO Waaqati, jecha isaa male jed'ani!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Israa'elii keessaa namni tokko yookaan worra ormaa ka isaan keessa jiraatu keessaa namni tokko ana irraa fooyamee waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uun yoo ka cubbuu hojjatu ta'ee akka yakki isaa sun gufuu isatti ta'u godhee ammallee deebi'ee gorsa gaafachu'uuf gara raattichaa yoo ka dhufu ta'e ani Rabbi deebii isaa kenna!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa yookiin worra ormaa ka odduu isaanii jiru mara keessaa nami tokko waaqota dharaatiif qalbii ifii kenniisaan, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, karaa raagichaatiin waan tokko na gaafatiisaaf gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa ifumaaf deebii isaaf hin kenna.