Ezekiel 16:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini faaya worqitifi ka qarsi qabda, ammalle guyya ch'ufa woya booftatifi woya laasa ta barreesani ch'okhani keeyate. Qit'a dargaye dansa ira mid'aasanifi dammafi d'ad'a soorate. Atini aka male mid'aade, qaalliti fakaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati faaya gara garaa ka meeti'ii fi worqii irraa hojjatame uffata gatii gudda'aa ka faaya gara garaa irraa hojjatame bareeda qabda; xoroshoo daakuu misha'aan hojjatame, dammaa fi dhadhaa ejersaa nyaatta; bareeddinni kee waan guddisee eda'aa deemeef mootittii ta'uu dandeetteerta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati worqi'ii fi meeti'iin akkas seefante; woyaan teeti ta quncee talba'aa dansaa irraa hujantee fi ta haarri'iin nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowante. Ati bullaa dansa'aa fi damma, zayitii ejersaalle nyaatte; akka malee shaggittii teetee giittii te'iisaaf kaate.