Ezekiel 16:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini sagale sii kenne dargaye daakhani dansaafi dammafi d'ad'ale. Ammo atini waan kana ch'ufa fuute, fakeenna kaani sorio baafte. Tunini waan AABBO Waaqi guddaani jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daakuu mishaa, dhadhaa ejersaatii fi dammi akka nyaata sii ta'uuf sii kennee ture; ati garuu waaqolee tolfamaa kee gammachiisu'uuniif ciincaa mishaa urgaawuun isaanii dhiyeessiteen kun ta'eera; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle akka ati nyaattuuf sagalee ani sii kenne, bullaa qamadi'ii dansaa, zayitii ejersaatii fi damma, kennansa foolee dansaa qabu gootee isaan dura keette; wonni akkasii kun te'eera jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.