Ezekiel 16:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini ufi busheesite, nama si d'aatu bahe ch'ufati ufi kennite, sharmut'omte keesa dabarte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkaataa kanaan karaa maraa keessatti hulee waaqolee tolfama'aa ijaartee bareeda kee batteessite; ka dhufu maraafuu nafa kee kenna'aa guyyama guyya'aan seebaruu baay'essite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qaccee kara'aa maratti addee waaqonfanna'aa teeti ijaartee, shaggummaa teeti batteessitee, worra karaa san dabaru maraaf ifi kennitee, sagaagalummaa teeti baceessite.