Ezekiel 16:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini sharmut'a d'ibi iraa gorta. Nami tokoleeni sharmut'a si intolchine yokhaani hori si imbaanne, siti baaseefi male, kara kanani atini sharmut'a kaani d'ibi ch'ufa iraa gorta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu ati dubartii seebartuu addaa taateerta; garuu akka ati akkana taatu ka si sossobe hin jiru; ati gatii isaanii kaffalta malee ka gatii sii kaffalu hin jiru; kanaafuu dubartii dhugamaan seebartu.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre ati sagaagala keetiin dubartoota dhibii irraa adda teeteerta; nami sagaagaluu barbaadu ka si gula deemee si sossobatu hin jiru; ati ka si woliin sagaagaluuf beesee kennitaaf malee, ka beesee si'iif kennu hin jiru; tanaaf ati dubartoota dhibii irraa adda.