Ezekiel 16:36 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Atini woya baafatte qulla ufi d'aabde, duuba akuma sharmut'a gaarayoota teetifi waan hamtu atini waaqa tolfate kad'atuleti ufi kennite, ilmaani tante waaqa d'ara suni sorio baafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati hawwa seebaraatiin gubatteerta; worra si jaalatanitti nafa kee kenniteerta; waaqolee tolfamaa nama jibbisiisan maraa waaqeffatteerta; dhiiga ijoollee teetii jissitee waaqolee tolfama'aa dhiyeessiteerta;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Halchaa sagaagalaatiin gubattee, worra si jaalatu woliin adoo sagaagaltuu nafa keeti qullaa waan mudhitteef, waaqota dharaa keeti diqachiisaa san maraaf dhiiga ijoollee teetii ciincaa waan dhikeessiteef,