Ezekiel 16:39 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini harka gaarayoota teetiti si kenne, worri fulla atini waaqa d'ara iti kad'atuufi huji sharmut'oma iti tolfatule ch'ach'abse balleese, woya tanteetifi faaya kankele siraa guurate, qulla akuma atini d'alate si lakisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka ati baallii isaanii jala taatu dabarsee isaanitti si kenna; isaanillee hulee ol ka'u ka irra dhaabatanii fi madabii kee maraa hin diigan; uffata kee si irraa mulqatanii, faaya kee maraa si irraa fudhatanii duwwaa si hambisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani harka worra si jaalatuu sanitti dabarsee si kennee, isaanille addee waaqonfanna'aa teetii addee ati waaqota dharaa itti waaqonfattu diigee hin balleessa; woyaa teetii fi dooqa keeti mara si irraa mulqanee, qullaa si hin hamburan.