Ezekiel 16:52 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana atini ch'eera kanke kara jalaa baatuni inqabdu. Ch'ubbuuni tante ta oboleyaani tanteeti iraa guddatte, worri sii nama woma iyyakini fakaata. Waan atini oboleyaani tante ira ch'ubbu tolchite, worri sii nama woma iyyakini fakaateefi, atini amma ch'eerafi foko irati hafta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati ammallee salphinna kee baadhadhu; sababaa cubbuun kee guddisee hamaa ta'eef intallan haatetii yoo si'iin wolitti bikkaman isaan akka waan yakka tokkollee hin qabnee qulqulloota fakkaatanii mudhatan; ati obboleeyyan tee akka waan cubbuu hin qabnee qulqulloota waan fakkeessiteef salphinna akka uffataatitti haguuggadhuu taa'i.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf ati isaan caalaa waan diqachiisu hujjee, cubbuu teetiin akka isaan balchoolee fakkaatanu waan gooteef, salphinna uffadhu! Cubbuun ati hujje guddoo ka diqachiittu waan teeteef, isaan si caalaa balchoolee fakkaataneeran. Maarre obboleeyyan teeti ta durraa akka isaan balchoolee fakkaatanu waan gooteef, qaaneffadhuutii, salphinna keeti uffadhu.