Ezekiel 16:57 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiin ka waan kana goote uduu yakki kee hin beekkamneen duraamii? amma garuu ati qachoota biyya Sooriya'aatii fi ollaa isaaniititti, akkasuma qachoota Filisxeemiitii fi worra si tuffatan ka naannaya isaanii jiran maraa biratti ta itti baldan taateerta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati adoo hammeenni keeti hin mudhatiniin dura tana gootee motii ree? Amma ammoo atille ijoollee durraa ta Edoomiitii fi worra adaala isi'ii maraaf, ijoollee durraa ta Filisxeemotaatii fi worra adaala isi'ii maraaf waan murgo'oo teeteerta.