Ezekiel 17:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akanaani mukhi lafa keesa jiru ch'ufti aka anini AABBO Waaqa beekha. Nami mukha d'ed'eera mure gabaaba baase d'ed'eereersu anuma. Ammalle anumati mukha doti gogose gogale dotteesa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. Anini waan jed'u inuma guuta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mukkiin lafa irra jiran maruu akka ani Rabbiin ta'e beekan; ani mukkiin dhedheeraa hin gaggabaabsa; mukkiin gaggabaabaa garuu akka ol dheeratanii guddatan godha; ani mukkiin lalise hin gossa; mukkiin goggoge hin lalisiisa; Ani Rabbi waan kana dubbadhe; waan hin godha jedhe maraa hin raawwadha»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san muki badda'aa marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan; ani muka dhedheeraa hin gaggabaassa; muka gaggabaabaa hin dhedheeressa; muka bibbisilee hin goggossa; muka goggogaa bisilee hin tolcha; ani Mootiin Waan Maraa dubbadheeraa, waan dubbadhe kana hin tolcha» jedhe.