Ezekiel 17:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle risa gudda dabasicha, kooli haga woi gahu, tokoti jira. Duuba zabibu taani hiddaafi dameeni isiileeni gara risa kaani qajeelte baate, aka sila akanaani isiini risa suni ira bisaani qara isiini oobru keesaa argatu kaani ira argatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma allaatiin bajja jedhamu ka biraa ka koola gugurdaa qabuu fi baallii hedduu qabu guddaa tokkotu ture; ammallee biqiltuun woyini'ii hidda ufiitii fi damee ufii gara allaattii sanii badhise; wonti inni waan kana godheef akka hulee itti dhaabe sanitti bisaan obaasuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Ammalle risaan guddaan dhibiin ka koola gugurda'aa fi baala bacaa qabu dhufe; kunoo, muki woyni'ii sun akka inni bisaan isa obaasuuf, addee itti dhaabame sanii dameele'ee fi hidda ifii gara risaa sanii diriirfate.