Ezekiel 17:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba anini, AABBO Waaqi guddaani, waan jed'u, mukhi zabibu kunini bahe inuma guddata? Risani qara kaani hiddaafi dame buqise mid'aani ch'ufa ira guure ingogosu? Buqisiti mukha suni irre guddofi gosa guddo iti imbarbaadani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; biqiltuun woyini'ii ka dhaabame kun biqilee lafa qabataa? allaattiin duraa hidda isaa buqqisee akka daraaraan isaa shamuu fi akka gogu akkasuma baalli isaa ka lalise akka quuru hin godhuu? hidda isaa buqqisu'uuf meeshaa woraanaa jabaa yookaan loltuu jabaa isa hin barbaachisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Muki woyni'ii kun hin oshobaa ree? Hiddi isaa buqqifamee, midhaan isaa irraa harcaafamee, dameeleen isaalle akka goggoganu hin godhamuu ree? Dameeleen isaalle hin goggogan; hidda isaalle buqqisiisaaf, irree jadduu yookiin nama hedduu hin barbaachisu.