Ezekiel 18:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan hamtu tolchu dide, hori namaa liqeesule tirfi ira barbaadu dide, aadaafi seera kiyya jabeese guute, inni induu, ammo injiraata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
yoo hiyyeeyyii hin dhiibne, qarshii ufii dhalaan liqeessee yoo dhala guddaa hin fudhanne, yoo seera kiyya kabajje, yoo ajaja kiyya hordofe, namni akkanaa kun dhugamaan lubbu'uun jiraata malee sababaa cubbuu abbaan isaa hojjateef hin du'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
harka ifiitiin cubbuu yoo hin hujin, dhalaan yoo hin liqeessin, dhala bacaa yoo hin fudhatin, seera kiyya yoo eegate, seerata kiyyalle yoo hordofe, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee sababa cubbuu abbaa isaatiif hin du'u.