Ezekiel 18:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani waan jettani, Wonti Aabbo Waaqi tolchu kunini qajeeltuniti. Worra Israeli, me na ch'aqasa! Isani karaani anini woini tolchu qajeelaniti jettani? Keesanumati qajeela intahini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin yoo akkana ta'e wonti Rabbi godhu sirri'ii miti jettan ta'a; isin worri Israa'elii waan ani jedhu dhagayaa'a; wonti ani godhu maruu akka waan sirrii hin taane seetanii? garuu ka sirrii hin taane karaa jireenna keessaniiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'a moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Na dhage'a'a; karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree?