Ezekiel 19:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dameeni isaa jajabdu, isiini baate boku hayyootaa taate. Mukhi sunini d'eerate dumansa tuqe, nami ch'ufti aka inni d'eerate bosone arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dameen isi'ii waan jajjabaa ta'eef, haga uleen mootummaa irraa argamutti guddate biqiltuun woyini'ii bosona jaamaa caalaa guddate; ol dheeratee damee hedduu kaawwan woliin mudhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dameeleen isaa jajjabaattee, ulee bokku'uu ta bulchitootaa teete. Hojjaan isaatii fi dameeleen isaa bacaan, ciggaa keessaa ol dheeratanee mudhatane.