Ezekiel 19:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo dallansuuni hundaani buqisani lafa buusani, bubbeeni ilaboruti d'ufte, mid'aani isaa gogositi, dameele isale ch'ach'absani gogosani gubani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu dheekkamsaan hiddaan buqqa'ee lafatti gad kufe; bubbeen lafa gammoojji'ii ka gara baya biiftu'uutii ka'u isa gosse; daraaraan isaallee hin harca'e; dameen isaa jajjabaanillee gogee ibiddaan gubate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee aari'iin buqqifamee lafatti gatame; qilleensi goomole'ee ka karaa aduun baatuu midhaan isaa qoorsee, irraa lafatti harcaasee goggosse; dameelee isaa jajjadduu sanille ibiddi nyaate.