Ezekiel 19:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ibidi hunda zabibu taani qabate, dameeleefi mid'aanile gube. Dameeleeni isiileeni deebite jabaatte boku hayyu intaatu. Tunini faaru bohati, ta hojja ch'ufa d'aatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jirma biqiltuu woyini'ii keessaa ibiddatu baye; dame'ee fi daraaraa isaa maraa ibiddatu gube; dameen isaanii lammata waan hin jabaanneef ulee mootumma'aa ta'uu hin danda'an; eeganaa faaruun gaddaa ka irra deddeebi'anii faarfatan kana; innillee booyaaf nama fayyada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qaccee damee muka woyni'ii guddittii keessaa ibiddi bayee midhaan isaa mara nyaate; dameen jadduun ulee bokku'uu ta bulchitootaa teetu, ijjumaa irratti hin hanne› jedhi. Tun faaruu gaddaa, ta yennaa gaddaa faarfatanu» jedhe.