Ezekiel 2:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha, waan anini sini jed'u ch'aqasi, mata jabaatte aka worraa na jalaa indidini. Afaani banad'i, waan anini siti kennu kana nyaad'i.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ati ilma namaa! waan ani siin jedhu dhagayi; atillee akka isaanii dhibaa hin ta'in; afaan banadhuu waan ani sii kennu nyaadhu»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ati ammoo ilma namaa! Waan ani siin jedhu dhage'i! Atille akka worra finqilaa sanii hin te'in; afaan keeti banadhuutii, waan ani sii kennu nyaadhu» jedhe.