Ezekiel 20:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini guyya Sabato akheekha wold'ageeti teenna tolche, aka akanaani aka anini, AABBO Waaqi, worra qulqulleesu qaabatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka isaan woyyoomsu akka ana ta'e akka beekan sambata kabajjuun isaanii ani isaan jiddu'utti malkata akka ta'u godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka isaan woyyoonsu ana Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanuuf, anaa fi isaan wodhakka'atti beessisa akka te'uuf Sanbata kiyyalle isaaniif kenne.