Ezekiel 20:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo lafa gamooji suni keesaleti worri na dide, aadaafi seera kiyya, ka nama isa guutu ch'ufa jireesu, dide. Ammalle worri guyya Sabatole t'ureese balleese; tanaafi anini worrati dallane, lafa aloo keesati worra balleesa, jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'elii garuu uduu lafa gammoojji'ii jiranuu na dhiban; seeraa fi haala jireenna kiyya ka hennaa ajajaman jireenna kennu cabsan; isaan sirima sambata batteessan; uduma isaan lafa gammoojji'ii san jiran lola kiyya isaan irratti buusee isaan balleessu'uuf yaadee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'elii ammoo goomolee keessatti na finqilte; seerataa fi seera kiyya ka nami yoo eegate jiru'uun jiraatu hordofuu didde; isaan Sanbata kiyyalle guddoo salphisane. Achiin duuba ani goomolee keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee isaan balleessiisaaf hedeeyyu.