Ezekiel 20:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ijoolleeni worra sunileeni na didde, seera kiyya ch'absite, aada tiyya, ta nama isii gula deemule jireenna kennitule, guutu didde guyya kiyya ka Sabatole t'ureesite. Tanaafi anini worrati dallane, worra ch'ufa lafa aloo keesati infit'a jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu ijoolleen teessan na didde, seera yoo ajajaman jireenna namaa kennu hin cabsan; seera kiyya hin eenne; sambatallee hin batteessan; uduu isaan lafa gammoojji'ii san jiran isaaniin lolee isaan maraa balleessu'uuf yaadee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«‹Ijoolleen isaanii ammoo na finqilane; isaan seera kiyya ka nami yoo eegate jiru'uun jiraatu san hin hordofanne; seera kiyyalle jabaatanee hin eeganne; Sanbatalle salphisane; achiin duuba ani goomolee keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee, aarii tiyya baafatiisaaf hedeeyyu.