Ezekiel 20:28 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini lafa duri worraa kakhad'e taanini d'umnaani, worri gaareeni d'ed'eertufi mukeeni dodoti lafa suni ch'ufa sorio iti qale. Worri sorio gubanifi daad'i d'ibaafatanini na dallansiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lafa isaanii kennu'uuf waadaa isaanii galetti isaan galche; isaan garuu tulluuwwan gugurda'aa fi mukkiin lalisaa hennaa argan kanniin maraa irratti ciincaa dhiyeessan; isaan ciincaa ciinceessaniin hixaana urgaayee mi'aawuu fi kennaa ciinca'aaf ciincessan ka dhuganiin na aarsan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani gara lafa isaaniif kenniisaa kakadhee san yennaa isaan galche, achiin duuba isaan koobota dhedheertuu yookiin mukoota baala bisile'ee yennaa dhaggane mara, achitti ciincaa ciincessanee, kennansa aari'itti na kakkaasu dhikeessanee, kennansa foolee dansaa qabu, kennansa daadhii woyni'ii dhangalaasane jedha› jedhi» jedhe.