Ezekiel 20:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha, jaarole Israeli tanaani waan jettu, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Isani woi na gaafachu d'uftani? Anini aka isani woi na gaafatani haga jiru ee injed'u, nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa gudda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ati ilma namaa! waan ani Rabbiin maraa olii banii kanaan jedhu isin fedha kiyya na gaafachu'uuf dhuftanii? Ani waan jiraataa ta'eef woma tokkollee akka isin na gaafattan isinii hin eeyyamu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera; jedhii banii kanniinitti himi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee ilma namaa! Waan Goottaan Mootiin Waan Maraa jedhu, jaarsolee israa'eliititti dubbadhu; ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin gaaffii na gaafatiisaaf dhuttanee? Dhugumaan ani jiraata'a! Ani akka isin gaaffii na gaafattanu hin eeyyamu jedha› jedhiin.