Ezekiel 20:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Arrale isani woma worri baase suni baaftani, waan harkaani boch'ani kad'atani ilmaani teesani gubdani, sorio baaftani, akanaani ufi t'ureesitani. Duuba isani worri Israeli, eegi waan kana ch'ufa taatani, amma d'uftani woi na gaafattani? Anini inkakhad'a, haga anini AABBO Waaqi guddaani jiru, isani itumaa deebitani woma na ingaafatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin adhallee kennaa wol fakkaatu kennitan; ijoollee teessan ibiddatti ciincessa'aa waaqolee tolfamaa durii sanniiniin uf batteessitan; haga waan kanniin maraa gootaniin maayessa isin worri Israa'elii feeti kiyya maal akka ta'e na gaafachu'uuf dhuftan; ani Rabbiin maraa olii dhugamaan jiraataa waan ta'eef akka waan tokkollee na gaafattan isinitti hin dhiisu!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin kennansa keessan yennaa dhikeessitanu, ijoollee teessan kennansa ibiddaan gubamu yennaa kennitanu, waaqota dharaa keessaniin haga adhaa ifi batteessitan. Ee, kolbaa Israa'elii akka isin woy na gaafattanu hin godhaa ree? Ani jiraata'a! Ani akka isin woy na gaafattanu hin godhu› jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.