Ezekiel 20:39 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Amma tana isani worri Israeli waan mataani keesani maddu taha! Waaquma keesani ka harkaani boch'atani gula yaa! Ammo beekha, armaa achi isani ufumani daachatani na gula yaatani, deebitani waan harkaani boch'ani woi baaftani akasiini maqa kiyya qulqullo int'ureesitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin banii Israa'elii! Rabbiin maraa olii waan keessaniif akkana jedhe; amma ta'ee'e uf afoo yoo ka na hin dhageenne ta'e isin maruu deema'aa waaqolee tolfamaa keessan waaqeffadhaa'a; ammaa achi ani maqaa kiyya woyyuu akka isin waaqolee tolfamaa keessanii fi kennaa keessaniin xureessitan isinitti hin dhiisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee, kolbaa Israa'elii! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isin amma yoo naaf hin dhageenne teete, tokko tokkoon keessan dhaqa'aatii, waaqota dharaa keessan tajaajila'a! Ammoo haganaa achi maqaa kiyya woyyicha waaqota keessanii fi kennansa keessaniin hin batteessina'a.