Ezekiel 20:47 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan atini badda Negebutini jettu, waan AABBO Waaqi guddaani jed'u d'agayi. Laali, anini ibida mukha kanke gogafi jiid'ale ch'ufa gube balleesu siti kaya, ka nami dandae ind'aamfine. Ibidi sunini bitaa bahe, mirgati eje, owi isaa waan lafa suni jira ch'ufa guba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bosona gara kibbaatiin waan ani Rabbiin maraa olii jedhu dhagayi jedhii itti himi; laali ani kunoo si keessatti ibidda bobeessa'aara; ibiddi kun mukkiin lalisa'aa fi goggogaallee uduu hin filanne maraa guba; ka ibidda san dhaamsuu danda'u sirima hin jiru; kibbaa ka'ee haga kaabaa hin bobaya; waan kara'atti arge maraa hin guba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gongomaa biyya kibbaatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'i› jedhi; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani ibidda si keessatti hin bobeessa; ibiddi sun muka jiidha'aa fi gogaa si keessa jiru mara gubee hin fixa; bobeenni bobe'u sun hin dhaamu; lafa san mara kibbaa haga kaabaatitti hin guba.